Amantii Dhugaa—Furtuu Jireenya Gammachuu Qabu Argamsiisu

Birooshurri kun namoonni bakka garaa garaa jiraatan amantii isaanii cimsuudhaan gammachuu argachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsa.

Seensa

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman gaaffiiwwan nama burjaajessaniif deebii quubsaa argataniiru.

KUTAA 1

Waaqayyo Waaʼee Keenya ni Yaadaa?

Yeroo harʼaatti addunyaan rakkinaan guutameera. Atis guyyaa guyyaatti wantoonni si yaaddessan si mudatu taʼa. Maarree, eenyutu nu gargaaru dandaʼa? Qaamni nuuf yaadu jiraa

KUTAA 2

Amantiin Dhugaa Maali Dha?

Namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman Waaqayyotti kan amanan taʼus, taʼe jedhanii wantoota hamoo raawwatu. Kanaafuu amantii dhugaa jechuun Waaqayyo jiraachuu isaa amanuu jechuu qofa miti.

KUTAA 3

Gorsa Gaarii Jireenya Namootaa Fooyyessu

Kitaabni Qulqulluun gorsa gaarii rakkina gaaʼela keessatti uumamu hiikuuf, aarii toʼachuuf, araada irraa bilisa taʼuuf, jibba sanyii moʼuuf, hammina dhiisuu fi rakkoowwan kan biroos furuuf si gargaaran qabateera.

KUTAA 4

Waaqayyo Eenyu?

Namoonni waaqolii garaa garaa waaqeffatu, Kitaabni Qulqulluun garuu Waaqni dhugaan tokko qofa akka taʼe barsiisa.

KUTAA 5

Amaloota Waaqayyoo Warra Guguddaa Taʼan Hubachuu

Kitaabni Qulqulluun amaloota Waaqayyoo warra dinqisiisoo taʼan nuuf ibsuudhaan, akka isa beeknu nu gargaara.

KUTAA 6

Kaayyoon Waaqayyo Lafaaf Qabu Maali Dha?

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo, “bakka jireenyaa akka taatuuf malee akkanumaan ishii [lafa] hin uumne.” Taʼus wantoonni amma taʼaa jiran karoora isaa turanii?

KUTAA 7

Abdii Waaqayyo Karaa Raajotaa Kenne

Eebba saboonni addunyaa argatan!

KUTAA 8

Masiihichi ni Mulʼate

Seenaan Masiihichaa fi wanti inni barsiise Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffameera.

KUTAA 9

Masiihicha Isa Geggeessaa Taʼe Irraa Barachuu

Waaqayyo geggeessaan akkamii akka nu barbaachisu beeka; Geggeessaa hunda irra caalus nuu filateera.

KUTAA 10

Diina Amantii Saaxiluu

Maleekaan tokko mormituu Waaqayyoo taʼe.

KUTAA 11

Yeroo Harʼaatti Amantii Dhugaa Qabaachuu

Yesuus namoonni amantii dhugaa qaban “firii gaarii” ykn amala gaarii akka qabaatan barsiiseera. Amaloota kana keessaa tokko tokko maal faʼi?

KUTAA 12

Amantii Dhugaa Akka Qabdu Argisiisi!

Tarkaanfiiwwan barbaachisoo akkamii fudhachuu dandeessa?

KUTAA 13

Amantiin Dhugaa Gammachuu Bara baraa Argamsiisa

Kitaabni Qulqulluun abdii gammachiisaa siin ilaallatu qabateera.