Irra Deebii Kutaa 3ffaa
Barsiisaa kee wajjin gaaffiiwwan armaan gadii irratti mariʼadhaa:
Fakkeenya 27:11 dubbisaa.
Yihowaadhaaf amanamaa taʼuu kan barbaaddu maaliifi?
(Barumsa 34 ilaali.)
Dhimma tokko ilaalchisee Kitaabni Qulqulluun kallattiidhaan ajaja yeroo hin kenninetti murtoo gaarii gochuu kan dandeessu akkamitti?
(Barumsa 35 ilaali.)
Waan hundumaa irratti amanamaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?
(Barumsa 36 ilaali.)
Maatewos 6:33 dubbisaa.
Hojii fi maallaqa wajjin haala wal qabateen ‘hundumaa dura Mootummicha barbaaduu kee itti fufuu’ kan dandeessu akkamitti?
(Barumsa 37 ilaali.)
Karaawwan akkuma Yihowaa lubbuudhaaf bakka guddaa akka kennitu argisiisuu itti dandeessu keessaa tokko tokko kam faʼi?
(Barumsa 38 ilaali.)
Hojii Ergamootaa 15:29 dubbisaa.
Ajaja Yihowaan dhiiga ilaalchisee kenneef ajajamuu kan dandeessu akkamitti?
Ulaagaaleen isaa sirrii akka taʼan sitti dhagaʼamaa?
(Barumsa 39 ilaali.)
2 Qorontos 7:1 dubbisaa.
Karaa qaamaa fi naamusaa qulqulluu taʼuu jechuun maal jechuu dha?
(Barumsa 40 ilaali.)
1 Qorontos 6:9, 10 dubbisaa.
Kitaabni Qulqulluun saalqunnamtii ilaalchisee maal jedha? Atoo wanta Kitaabni Qulqulluun jedhutti ni amantaa?
Kitaabni Qulqulluun dhugaatii alkoolii dhuguu ilaalchisee qajeelfama akkamii kenna?
(Barumsa 41 fi 43 ilaali.)
Maatewos 19:4-6, 9 dubbisaa.
Waaqayyo gaaʼela ilaalchisee qajeelfama akkamii kenneera?
Gaaʼelaa fi wal hiikuu seeraan galmeessisuu kan qabnu maaliifi?
(Barumsa 42 ilaali.)
Ayyaanonni Yihowaa hin gammachiisne tokko tokko kam faʼi? Maaliif?
(Barumsa 44 ilaali.)
Yohaannis 17:16 fi Hojii Ergamootaa 5:29 dubbisaa.
Siyaasaa fi waraana irratti hirmaachuu irraa of qusachuu kan dandeessu akkamitti?
Yeroo seerri namootaa fi seerri Waaqayyoo wal faallessutti maal gochuu qabda?
(Barumsa 45 ilaali.)
Maarqos 12:30 dubbisaa.
Yihowaa akka jaallattu argisiisuu kan dandeessu akkamitti?
(Barumsa 46 fi 47 ilaali.)