Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

BARUMSA 13

Ximotewos Namoota Gargaaruu Barbaada Ture

Ximotewos Namoota Gargaaruu Barbaada Ture

Ximotewos dargaggeessa namoota gargaaruun isa gammachiisu ture. Namoota gargaaruuf iddoo baayʼee dhaqeera. Kunimmoo gammachuu akka argatu isa godheera. Waaʼeesaa dhagaʼuu barbaaddaa?—

Haatii fi Akkoon Ximotewos waa’ee Yihowaa isa barsiisaniiru

Ximotewos magaalaa Lisxiraa jedhamtu keessatti guddate. Akkoonsaa Loʼisiifi haatisaa Ewuniiqeen ijoollummaasaatii jalqabee waaʼee Yihowaa isa barsiisaa turan. Ximotewos yeroo guddachaa deemu, namoonni waaʼee Yihowaa akka baratan gargaaruu barbaade.

Ximotewos dargaggeessa yeroo ture Phaawulos, iddoowwan kan biraatti lallabuuf isaa wajjin akka deemu isa gaafate. Ximotewos deemee warra kaan gargaaruuf qophaaʼaa waan tureef, ‘Tole!’ jedhe.

Ximotewos Phaawulosii wajjin gara magaalaa Tasaloniiqee ishee Giriik keessa jirtuu dhaqe. Achi dhaquuf, karaa dheeraa deemanii markaba yaabbachuu qabu turan. Dhumarratti yeroo achi gaʼan, namoonni baayʼeen waaʼee Yihowaa akka baratan isaan gargaaran. Namoonni tokko tokko garuu, waan isaanitti aaraniif isaan miidhuuf yaalan. Kanaafuu, Phaawulosiifi Ximotewos magaalaa sanaa baʼanii bakka kan biraatti lallaban.

Ximotewos jireenya gammachuu qabu jiraateera

Jiʼoota muraasa booda, Phaawulos, Ximotewos gara Tasaloniiqeetti deebiʼee obboloonni haala akkamiirratti akka argaman akka ilaalu isa gaafate. Magaalaa nama sodaachistu sanatti deebiʼuun ija jabina guddaa gaafata ture. Taʼus, Ximotewos obboloota achi jiraniif waan yaadeef ni dhaqe. Achiis oduu gaarii qabatee gara Phaawulositti deebiʼe. Obboloonni Tasaloniiqee keessa jiran nagaasaanii turan.

Ximotewos waggaa baayʼeedhaaf Phaawulosii wajjin tajaajileera. Yeroo tokko Phaawulos, gumiiwwan gargaaruuf namoota erguu dandaʼu keessaa hundarra kan caalu Ximotewos akka taʼe dubbatee ture. Phaawulos akkas kan jedhe, Ximotewos Yihowaafi namoota waan jaallatuuf ture.

Namoota ni jaallattaa? Waaʼee Yihowaa akka baratan isaan gargaaruuhoo ni barbaaddaa?— Akkas kan gootu yoo taʼe, atis akkuma Ximotewos gammachuu argachuu ni dandeessa!

Haatiifi akkoon Ximotewos, waaʼee Yihowaa isa barsiisaniiru

Ximotewos jireenya gammachuu qabu jiraateera