FAARFANNAA 10
Waaqa Keenya Yihowaa Jajadhaa!
-
1. Yihowaa jajadhaa, faarsaa!
Maqaasaa guddaa beeksisaa!
Dubbadhaa, gaʼe guyyaansaa,
Kana himaa akeekkachiisaa.
Ilmisaa Mootummaa qabateera
Yihowaan kana labseera.
Oduu kana nama hundattʼ himaa,
Eebba argamu hundumaa!
(BUUSAA)
Yihowaa jajadhaa, faarsaa!
Hunda beeksisaa guddinasaa!
-
2. Jajadhaa, maqaasaa faarsaa!
Sagalee keessan ol kaasaa!
Garaadhaa galateeffachuun,
Ulfinasaa himna jabinaan.
Waaqa guddaa, hojiinsaa dinqii dha
Taʼus kan gad of qabu dha.
Abbaa gaarii fedha keenya beeku;
Waammannaan kan nuu dhaqqabu.
(BUUSAA)
Yihowaa jajadhaa, faarsaa!
Hunda beeksisaa guddinasaa!
(Dabalataan, Far. 89:27; 105:1; Er. 33:11 ilaali.)