FAARFANNAA 118
“Amantii Keenya Nuu Guddisi”
-
1. Yaa Yihowaa cubbamoota waan taaneef,
Garaan keenya fedhii hamaa qaba.
Cubbuun salphaatti nu sakaalu jira,
Garaan keenya sittʼ amantii dhaba.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa nuu guddisi amantaa;
Hamma nutti hirʼate ni beekta.
Dubbiif gochaan akka si kabajnutti,
Adaraa nuuf guddisi amantii.
-
2. Amantii dhabnaan si hin gammachiisnu.
Akka nu kiistu amanuu qabna.
Hin sodaannu yeroo gara fuulduraa.
Amantiin nu eega nuuf gaachana.
(BUUSAA)
Yaa Yihowaa nuu guddisi amantaa;
Hamma nutti hirʼate ni beekta.
Dubbiif gochaan akka si kabajnutti,
Adaraa nuuf guddisi amantii.
(Dabalataan, Uma. 8:21; Ibr. 11:6; 12:1 ilaali.)