FAARFANNAA 72
Dhugaa Mootummichaa Beeksisuu
-
1. Waaʼee daandii Kiristiyaanaa
Beekumsa hin qabnu turre.
Yihowaan ifa erge,
Dhugaa Mootummichaa barre.
Fedha Abbaa hubanneerra;
Ajajasaa ni fudhanna.
Guddaa taʼuusaa himna,
Maqaa isaa qulqulluu ol kaasna.
Manaa manaaf karaarratti,
ni barbaanna hundaaf labsuu.
Yeroo laannee hubachiisna,
Dhugaa bilisa nu baasu.
Babalʼisuuf yoo carraaqnu
Waaqeffannaa dhugaa kana,
Tokkummaan tajaajilla
Dhaabaa hamma jedhutti hojjenna.
(Dabalataan, Iya. 9:9; Isa. 24:15; Yoh. 8:12, 32 ilaali.)