Dhimma ijoo ta'etti seeni

Ittiin baafataa bira dhaqi

KUUSAA KEENYA KEESSAA

Wantoota Qaban Keessaa Isa Hundumaa Irra Caalu Kennaniiru

Wantoota Qaban Keessaa Isa Hundumaa Irra Caalu Kennaniiru

 Bara 1945tti waraanni Addunyaa Lammaffaa yommuu dhaabatu, biyyi Jarman harki caalaan ishii tuullaa diiggaa taatee turte. Magaalonni diigamaniiru, manneen barumsaa ona taʼaniiru, manneen yaalaa faayiidaadhaa ala taʼaniiru, akkasumas boombiiwwan hin dhoone bakka hunda jiru turan. Hanqinni nyaataa waan tureef gatiin nyaataa baayʼee qaalaʼee ture. Fakkeenyaaf, gabaa seeraan alaa keessatti dhadhaan giraamii 500 gatii miindaa torban jaʼaatiin gurgurama ture!

 Dhugaa Baatonni Yihowaa dhibbaan lakkaaʼamanii fi sababii amantii isaaniitiin waggoota hedduudhaaf manneen hidhaa adda addaa keessatti dabarsanis miidhaa kanaaf saaxilamaniiru. Obboloonni kunneen bara 1945⁠tti yommuu mana hidhaatii gadhiifaman uffata mana hidhaatti uffachaa turan irraa kan hafe wanta tokko illee hin qaban turan. Dhugaa Baatonni kaan immoo qabeenya isaanii hunda dhabanii turan. Isaan keessaa tokko tokko garmalee beelaan hubamanii waan turaniif walgaʼiin gumii utuu geggeeffamaa jiruu illee of wallaalanii kufu turan.

Dhugaa Baatonni Biyyoota Biraa Jiran Saffisaan Gargaarsa Ergan

 Dhugaa Baatonni biyyoota biraa jiran obboloota gargaarsi nyaataa fi uffataa saffisaan isaan barbaachisu gargaaruuf dafanii tarkaanfii fudhatan. Waajjirri muummee Yuunaayitid Isteetisitti argamu waajjirri damee Barni, Siwiizarlaandi jiru obboloota Jarman jiran akka gargaaru gaafate. Obboleessi keenya Naataan Noor inni bakka buʼaa waajjira muummee taʼes hojii gargaarsaa kana gurmeessuu fi saffisiisuuf gara Awurooppaa deemee ture.

Obboleessi keenya Naataan Noor bara 1947tti obboloota Viisbaadan, Jarman jiraniif haasaa yommuu dhiheessu gubbaa irraan caqasni waggaa, “Isin saboonni hundi, Yihowaa jajadhaa” jedhu Afaan Jarmaniitiin barreeffameera

 Dhugaa Baatonni Siwiizarlaandi jiran nyaata, uffataa fi maallaqa arjooman. Wantoonni kunis gara Jarmanitti ergamuu isaanii dura akaakuu akaakuudhaan akka adda baafamanii fi akka saamsamaniif Barnitti ergamu turan. Dhugaa Baatota Siwiidin, Kaanaadaa fi Yuunaayitid Isteetis jiran dabalatee, obboloonni biyyoota kaan keessa jiraatan hojii gargaarsaa kanaaf deggersa godhaniiru; kunis obboloota Jarman keessa jiraatan qofa utuu hin taʼin, obboloota biyyoota Awurooppaa fi Eeshiyaa warra waraanaan miidhaman keessa jiraatan hedduu gargaaruuf ooleera.

Buʼaa Dinqisiisaa

 Waajjirri damee Siwiizarlaandi jiʼoota muraasa gidduutti, buna, aannan, sukkaara, midhaan callaa, muduraawwan gogaa taʼan, fuduraawwan, akkasumas foonii fi qurxummii saamsame ergeera. Akkasumas gargaarsa maallaqaa godheera.

 Kana malees, obboloonni Siwiizarlaandi keessa jiraatan kobbortaa, uffata dubartootaa fi uffata dhiirotaa guutuu dabalatee uffata toonii shan taʼu erganiiru. Amajjii 15, 1946⁠tti maxxansi Masaraa Eegumsaa akkana jedhee ture: “Obboloonni wanta gatuuf yaadan utuu hin taʼan wanta qaban keessaa isa hundumaa irra caalu kennaniiru. Obboloota isaanii Jarman keessa jiraatan gargaaruuf aarsaa guddaa kaffalaniiru.”

 Akkasumas Dhugaa Baatonni Siwiizarlaandi kophee gara 1,000 erganiiru; ergamuu isaanii dura haala gaarii irra kan jiran taʼuun isaaniis ni ilaalama ture. Obboloonnii fi obboleettonni Viisbaadan, Jarman keessa jiraatan miʼoota saamsaman kana yommuu hiikan qulqullinaa fi akaakuu garaa garaa kan qaban taʼuun isaanii baayʼee isaan dinqisiiseera. Dhugaa Baatuun tokko, “Jarman keessa suuqiin uffatawwanii fi kopheewwan gatii guddaa qaban akkasii hedduminaan qabate kan jiru natti hin fakkaatu” jedhee barreesseera.

 Hojiin gargaarsaa kun hanga Hagayya 1948⁠tti itti fufeera. Dhugaa Baatonni Siwiizarlaandi keessa jiraatan walumaa galatti miʼa saanduqa 444 fi toonii 25 ulfaatu obboloota Jarman keessa jiraataniif erganiiru. Akkuma olitti ibsame hojii gargaarsaa kana irratti kan hirmaatan obboloota Siwiizarlaandi keessa jiraatan qofa miti. Siwiizarlaandi biyyoota hojii kana irratti hirmaatan keessaa biyya babalʼistoota muraasa qabdu dha. Yeroo sanatti Dhugaa Baatonni Siwiizarlaandi keessatti argaman 1,600 qofa turan!

‘Jaalala Waliif Qabaadhaa’

 Yesuus Kiristoos, “Jaalala yoo waliif qabaattan, namoonni hundi akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku” jedheera. (Yohaannis 13:34, 35) Jaalalli sabni Yihowaa wanta isaan irraa hafe utuu hin taʼin, wanta qaban irraa isa hundumaa irra caalu kennuuf isaan kakaaseera. (2 Qorontos 8:1-4) Xalayaan Zuuriikii irraa ergame akkana jedheera: “Obboloonni ofii isaaniitii qabeenya baayʼee hin qabne hedduun illee gargaarsa gochuu waan barbaadaniif maallaqa kennaniiru.”

 Dhugaa Baatonni Yihowaa Jarman keessa jiraatan miidhaa ariʼatamnii fi waraanni cimaan isaan irra gaʼe irraa dafanii bayyaannataniiru. Sababiiwwan kun taʼuu itti dandaʼe keessaa inni tokko, gargaarsa guddaa obboloonni jaalala fedhii ofittummaa irraa walaba taʼe qaban karaa gurmaaʼina qabuun isaaniif godhaniin kan kaʼe dha.

Dhugaa Baatonni waajjira damee Barni, Siwiizarlaandi keessa tajaajilan uffatawwan obboloota isaanii Jarman keessa jiraataniif ergamu akaakuu akaakuudhaan yommuu kaaʼan

Waajjira damee Barni keessatti saanduqawwan miʼa gargaarsaa qabatan konkolaataatti yommuu feʼaman

Konkolaataa saanduqawwan hedduu feʼee fi maqaan “Sagantaa Gargaarsaa Dhugaa Baatota Yihowaa” jedhu itti maxxanfame

Saanduqawwan miʼa gargaarsaa qabatan baabura gara Jarman deemu irratti yommuu feʼaman