Fakkii Bocamaa Gibxii Durii Seenaan Kitaaba Qulqulluu Dhugaa Taʼuu Isaa Mirkaneessu
Girgiddaan meetira saddeet ol dheeratuu fi barreeffamni fakkii warra Gibxii irratti bocame kun balbala mana qulqullummaa durii waaqa warra Gibxii Amuun jedhamuuf ijaarame biratti kan argamu siʼa taʼu, magaalaa Kaarnaak keessatti argama. Akka hayyoonni jedhanitti, fakkiin bocame kun injifannoo Faraʼoon Shiishaaq Yihudaa fi mootummaa Israaʼel isa kaabaa dabalatee, biyyoota Gibxii irraa kallattii kaaba bahaa jiran irratti argate kan argisiisu dha.
Fakkiin bocame kun Amuun Shiishaaqiif ykn Sheeshoonqiif boojiʼamtoota 150 yeroo kennu argisiisa. a Tokkoon tokkoon boojiʼamtootaa magaalaa ykn saba injifatame tokko bakka buʼa. Maqaan magaalaawwanii tokkoon tokkoon boojiʼamtootaa irratti bocamee argama. Maqaawwan kana keessaa hedduun amma iyyuu ni dubbifamu; namoonni Kitaaba Qulqulluu dubbisanis maqaawwan kana keessaa muraasa beeku. Isaanis Bet-Shaan, Giibeʼon, Megidoo fi Shuneemiin kan dabalatani dha.
Duulli Yihudaa irratti geggeeffame Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsameera. (1 Mootota 14:25, 26) Kitaabni Qulqulluun weerara Shiishaaq ilaalchisee ibsa balʼaa kenna. Akkana jedha: “Rehobiyaam moʼee waggaa shanaffaa isaatti Shiishaaq mootiin Gibxii Yerusaalemitti in duule. Inni konkolaattota kuma tokkoo fi dhibba lamaan, abboota fardeenii kuma jaatamaan, . . . loltoota lakkoobsi isaanii hammana hin jedhamne fudhatee, biyya Gibxii keessaa kaʼee itti duule. Mandaroota Yihudaa warra dallaa ciccimaa qaban in qabate; kana booddee immoo hamma Yerusaalemitti in dhufe.”—2 Seenaa 12:2-4.
Ragaan Shiishaaq biyya Israaʼel irratti duuluu isaa mirkaneessu, fakkii magaalaa Kaarnaakitti arkiyooloojiidhaan argame kana qofa miti. Hambaan siidaa magaalaa Megidoo ishii Kitaaba Qulqulluu keessatti caqasamte keessatti argame maqaa “Sheeshoonqi” jedhamu kan qabate ture.
Kitaabni Qulqulluun injifannoo Shiishaaq Yihudaa irratti argate karaa sirrii taʼeen galmeessuun isaa ragaa barreessitoonni Kitaaba Qulqulluu amanamoo taʼuu isaanii argisiisu dha. Barreessitoonni kun injifannoo fi moʼicha saba isaanii irratti argame iftoominaan gabaasaniiru. Iftoominni akkasii barreessitoota bara durii kaan biratti baramaa hin turre.
a Kitaaba Qulqulluu irratti inni “Shiishaaq” jedhu akkaataa barreeffamaa Afaan Ibrootaa ittiin dubbifamuun kan kaaʼame dha.