HAGAYYA 30, 2019
ERTIRAA
GABAASA ADDAA: Ariʼatama Dhugaa Baatota Yihowaa Ertiraa Jiran Irra Gaʼaa Jiru
Gabaasni addaa waaʼee ariʼatama Dhugaa Baatota Yihowaa Ertiraa jiran irra gaʼaa jiruu dubbatu kun Hagayya 2019tti baʼe; kan qopheesse Biiroo Odeeffannoo Hawaasaa yeroo taʼu, abbootii taayitaa mootummaatiif raabsuu fi isaan wajjin irratti mariʼachuuf qophaaʼe.
Hanga Hagayya 2019tti, Ertiraa keessa Dhugaa Baatota Yihowaa 52tu mana hidhaa jiru ture. Gabaasni kun tokkoon tokkoon hidhamtoota kanaa ilaalchisee odeeffannoo muraasa qabateera.
Ebla 28, 2018tti, Dhaabbanni Mirga Namummaa Afriikaa wanta mootummaan Ertiraa Dhugaa Baatota Yihowaa irraan gaʼaa jiru ilaalee ture. Gabaasni itti aanu odeeffannoo dhaabbatni kun Onkoloolessa 24 hanga Sadaasa 13, 2018tti dhimmicha erga ilaalee booda bira gaʼe kan qabate dha.