SADAASA 23, 2023
FILIPPIINSI
Kibbi Filippiins Bubbee Cimaadhaan Rukutame
Sadaasa 17, 2023, kirkirri lafaa bishaan jalaa reektariskeelii 6.7 taʼu kibba Filippiinsi rukute. Kirkirri lafaa kun kan gaʼe odoola Mindaanaʼoo irraa kallattii kibbaatti gara kiilomeetira 26 fagaata. Naannoo Daavaaʼoo, Jeneraal Saantos Siitii fi koonyaa Saranganii keessatti gamoowwan mootummaa dabalatee, manneen barnootaa fi bakkawwan daldalaa guguddaan badiisni cimaan irra gaʼeera. Manneen hedduu irras miidhaan gaʼeera.
Miidhaa Obbolootaa fi Obboleettota Irra Gaʼe
Kan nama gaddisiisu obboleettiin 1 duuteetti
Obboloonnii fi obboleettonni 10 madaaʼaniiru. Haati manaa ilaaltuu ol aanaa aanaa isaan keessaa tokko siʼa taʼu hospitaala galtee amma haala gaarii irra jirti
Manneen 4 irra miidhaa cimaan gaʼeera
Manneen 4 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Galmawwan Walgaʼii 2 irra miidhaa salphaan gaʼeera
Gargaarsa Taasifame
Koreen yeroo balaan gaʼutti gargaarsa godhu hundeeffamera
Ilaaltonni ol aanaa aanaa fi jaarsoliin gumii obboloota miidhaan irra gaʼe dhaqanii gaafachuudhaan jajjabeessaa jiru
Obbolootaa fi obboleettota kirkira lafaa kanaan miidhamaniif ni kadhanna; warra gargaarsa isaaniif gochaa jiranis ni galateeffanna. Yeroo baayʼee rakkisaa taʼee fi hin tasgabboofne keessa kan jiraannu taʼus Yihowaa inni qarsaa keenya taʼe cimina kana moʼuuf nu gargaaru nuuf kenna.—1 Saamuʼel 2:2.