Dhimma ijoo ta'etti seeni

GURAANDHALA 3, 2021
INDOONEEZYIYAA

Lolaa Cimaan Indooneezyiyaa Irra Balaa Guddaa Geessise

Lolaa Cimaan Indooneezyiyaa Irra Balaa Guddaa Geessise

Iddoo

Kibba Kaalamaantaan, Kaaba Sulaaweesii fi Kaaba Malakaz

Balaa

  • Amajjii 2021tti lolaa cimaan gaʼuun isaa fi lafti sigigaachuun isaa miidhaa guddaa geessiseera. Kanaan kan kaʼes namoonni hedduun qeʼee isaanii gadhiisanii baʼuuf dirqamaniiru

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Babalʼistoonni 90 taʼan yeroodhaaf naannoo sana gadhiisanii baʼaniiru

Miidhaa qabeenya irra gaʼe

  • Manneen 3 irra miidhaa salphaan gaʼeera

Hojii gargaarsaa

  • Jaarsoliin saffisaan deebii kennuudhaan babalʼistoonni naannoo sana gadhiisanii akka baʼan gargaaraniiru. Kana malees, jaarsoliin bakka yeroodhaaf keessa turan, nyaataa fi wantoota barbaachisan kaan akka argatan qophii godhaniiru

  • Babalʼistoonni gumiiwwan naannoo sana jiran manneen mancaʼan qulqulleessuu fi suphuu irratti gargaarsa godhaniiru

  • Ilaaltonni ol aanaa aanaa yaada nama jajjabeessu Kitaaba Qulqulluu irraa obboloota miidhaan isaan irra gaʼeef hiraniiru

  • Obboloonni hojii gargaarsaa kana irratti hirmaatan hundi qajeelfama COVID-19 irraa of eeguu ilaalchisee kenname hordofaniiru

Yihowaan obboloota jaalala qabeeyyii ‘yeroo dhiphinaatti’ nu gargaaran nuu kennuu isaatti guddaa isa galateeffanna.—Fakkeenya 17:17.