Dhimma ijoo ta'etti seeni

Daaniʼel Hutaabaartii fi Wiilhiinson Sihootaangi Galma Walgaʼii Baataam keessaa Odoolawwan Riʼaawuu keessatti argamu fuuldura dhaabbatanii

GURAANDHALA 26, 2020
INDOONEEZYIYAA

Mana Barumsaa Keessatti Mirgi Amantii Ijoollee Dhugaa Baatota Lamaa ni Kabajame

Mana Barumsaa Keessatti Mirgi Amantii Ijoollee Dhugaa Baatota Lamaa ni Kabajame

Amajjii 22, 2020⁠tti Boordiin Barumsaa Godinaa inni Indooneezyiyaatti argamu ijoolleen Dhugaa Baatota Yihowaa lama, jechuunis Daaniʼel Hutaabaartii fi Wiilhiinson Sihootaangi hatattamaan gara barumsa isaaniitti akka deebiʼan ajaje. Obboloonni kun lamaan sababii qalbii isaaniitiin kan kaʼe alaabaadhaaf kabaja adda taʼe kennuu fi faarfannaa alaabaa faarfachuu waan didaniif Sadaasa 29, 2019⁠tti mana barumsaa irraa ariʼamanii turan. Amajjii 23, 2020⁠tti barumsa isaaniitti deebiʼaniiru.

Boordiin Barumsaa Godinaa haalicha erga ilaalee booda, obboloonni keenya abbootii taayitaa mana barumsaas taʼe mootummaa biyyattii akka kabajan hubateera. Isaan kana kan godhan wanta waan Kitaaba Qulqulluu irraa baratanii wajjin wal faallessu raawwachuu waan hin barbaanneefi. Obboleessi keenya Yoogaa Suuliistiyoonoo inni Indooneezyiyaa keessatti Deeskii Odeeffannoo Hawaasaa keessa hojjetu akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa Indooneezyiyaa keessatti argaman murtoo kanatti gammadaniiru; abbootii taayitaa mirga amantii keenya kabajanis ni galateeffatu.”

Hunda caalaa immoo, murtoo gaarii kanaaf Yihowaa isa Barsiisaa keenya Isa Guddicha taʼe galateeffanna.—Isaayaas 30:20.