Dhimma ijoo ta'etti seeni

FULBAANA 20, 2021
MEEKSIKOO

Kirkirri Lafaa fi Lolaan Meeksikoo Rukute

Kirkirri Lafaa fi Lolaan Meeksikoo Rukute

Fulbaana 6, 2021 bokkaan lolaa cimaa geessise giddu gala Meeksikootti iddoowwan hedduu irra miidhaa geessise. Guyyaa itti aanu, kirkirri lafaa maaginiitiyuudii 7.1 taʼu kibba bulchiinsa Guureeroo fi bulchiinsota giddu gala Meeksikootti argaman hedduu irra miidhaa geessiseera.

Miidhaa obbolootaa fi obboleettota irra gaʼe

  • Lolaa

    • Obboloonni 61 iddoo isaanii irraa buqqaʼaniiru

    • Galma Walgaʼii 2 irra miidhaa salphaan gaʼeera

    • Manneen 68 irra miidhaa salphaan gaʼeera

  • Kirkira Lafaa

    • Obboloonni 71 iddoo isaanii irraa buqqaʼaniiru

    • Obboloota 12 irra miidhaan gaʼeera

    • Galma Walgaʼii 42 irra miidhaa salphaan gaʼeera

    • Manneen 220 irra miidhaa salphaan gaʼeera

    • Manneen 76 irra miidhaa cimaan gaʼeera

    • Manni 7 guutummaatti mancaʼeera

Hojii Gargaarsaa

  • Lolaa

    • Obboloonni iddoo isaanii irraa buqqaʼan firoota isaanii bira buufatanii jiru

    • Gumiiwwan naannoo sana jiran warra balaa kanaan miidhamaniif nyaata miʼaa 104⁠tti qophaaʼe kennaniiru

  • Kirkira Lafaa

    • Obboloonni iddoo isaanii irraa buqqaʼan firoota isaanii bira buufatanii jiru

    • Obboloonni miidhaman yaaliin fayyaa hatattamaa godhamaafii waan jiruuf bayyanachaa jiru

Obboloonni miidhaman hedduun yeroo balaan sun gaʼetti boorsaa imalaa isaanii qopheeffatanii waan turaniif, qajeelfama aangawwoota naannichaatiin isaaniif kennamu dafanii hordofaniiru. Ilaaltonni Ol Aanaa Aanaa deggersa Koree Gargaarsa Yeroo Balaatiin, haalicha toʼachaa fi maatiiwwan miidhamaniif tika gochaa jiru; yeroo kana godhanittis qajeelfama Koovid-19 ni hordofu.

Obboloonnii fi obboleettonni keenya yeroo rakkisaa kanatti Yihowaa fi jaarmiyaa isaatti guutummaatti amanamuu isaanii itti fufaniiru. Yihowaan isaan eeguu fi isaan kunuunsuu akka itti fufu amanannaa qabna.—Isaayyaas 26:3.