Dhimma ijoo ta'etti seeni

Bitaadhaa gara mirgaatti: Obboleettii Silaayivaa fi Shaamsheevaa akkasumas obboleessa Kokhiloovii fi Ziinziikov Onkoloolessa 28, 2020 mana murtiitti

ONKOLOOLESSA 28, 2020
RAASHIYAA

Manni Murtii Raashiyaa Murtii Obboloota Lamaa Fi Obboleettota Lama Irratti Duraan Dabarfame Deggere

Manni Murtii Raashiyaa Murtii Obboloota Lamaa Fi Obboleettota Lama Irratti Duraan Dabarfame Deggere

Onkoloolessa 28, 2020, Manni Murtii Naannoo Biriyaaniskii murtii Vilaadmiir, Edwaard, Taatiyaanaa, fi Oolgaan yakkamtoota akka taʼan murtaaʼe deggeree murteesse. Adabni jalqaba isaan irratti darbe hidhaa waggaa tokkoo hanga waggaa fi jiʼa sadii ture. Haa taʼu malee, duraan mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisanitti waan hidhamaniif yeroo dabalataatiif hidhamuun isaan hin barbaachisne. Murtii kennameen kan kaʼe, obboloonnii fi obboleettonni akka yakkamtootaatti ilaalamaa jiru. Taʼus, bilisa taʼuu isaanitti gammadaniiru. Abbaan alangaa adabni cimaan akka isaan irra gaʼu ol iyyannoo gaafachuuf seerri isaaf hin heyyamu.

Murtiin jalqabaa isaaniif kennamuu isaa dura mana hidhaa hanga murtiitti itti tursiisan keessa obboloonni guyyaa 316 obboleettonni immoo guyyaa 245 dabarsaniiru. Obboleettonni erga gadhiifamanii booda, Gabaasa Qaama Ol Aanaa 2020 Lakk. 5 irratti gaafannoon isaaniif godhameera. Kadhachuun, Kitaaba Qulqulluu dubbisuu fi miira galateeffannaa qabaachuun gammachuudhaan dandamachuuf akka isaan gargaare ibsaniiru.